Fines Victoria

Primary content

Download as a PDF fileOdeeffannoon kun barbaachisaa dha. Odeeffannoo kana yoo hin hubanne, yookaan waa’ee adaba keetii nama itti dubbattu yoo barbaadde, (03) 9200 8111 irratti yookaan yoo baadiyaa keessa jiraatta tahe 1300 369 819 irratti Fines Victoria bilbili. Afaan ati filatteen namni sitti dubbatus ni jira.

 

Sirna adabbii maallaqaa (fines) Victoria

Adabbiin maallaqaa yeroo seerri cabu adaba kennamuu dha.  Akeekni adaba kanaa amaloota seerawaa hin taane laaffisuudhaan nageenya hawaasaa eeguu fi sirna ummataa (public order) tiksuu dhaaf.

Gosa adabbii maallaqaa kan seera cabsuu (infringement) fi adabbii mana murtii.

  • Adabbiin maallaqaa seera cabsuu (infringement fines) dhaabbilee seera tiksan kan akka kawunsilii naannoo fi Victoria Police dha. Isaan kun yeroo hedduu adabbii seera cabsuu xixiqqaa, kan akka seera tiraafikaa eeguu dhabuu (traffic offences) fi adabbii bakka konkolaataa dhaaban (parking offences) ilaaluu dha. ii ti. Adabbiin maallaqaa kan seera cabsuu osoo gara mana murti hin deemnee yookaan adabni seeraa itti hin muramnee akka namni maallaqa baasuudhaan adaba of irraa kaasu kan dandeessisuu dha.
  • Adabbii maallaqaa mana murti (Court fines) abbaa murti yookaan mana murtiitu adaba kenna.

Yoo adabni sitti kenname (yoo adaba argatte)

Waa’ee adaba keetii ogasuma adabni si irra kaayyame waa godhchuun barbaachisaa dha. Yoo waa godchuu dhabde adabni sitti dabalaa deemee dhuma irratti adaba cimaatti ol guddata.

Filmaatni ati qabdu kunoo ti:

Yerosuma if irraa baasuu – toora interneta irraan yerosuma if irraa baasuuf mar-sariitee kana laali, fines.vic.gov.au.

Yero yerootti if irraa kafaluu – yoo hunda isaa Yeroo tokkotti if irraa kafaluu hin dandeessu tahe, xixiqessitee akka kafaltu gaafatuu dandeessa. Maallaqa Centrelink irraa argatta yoo tahe kan siif kaffalamu irraa akka kutanii si irraa kutanii kaffalan gaafatuu dandeessa. Akka itti xixiqessitee if irraa kaffaltuu fi unka (form) toora interneetaa (online) irratti guutamu argatuuf sutata kana laali, online.fines.vic.gov.au/Pay-by-instalments

Kaffaluuf akka yeroo siif dheeressan gaafadhu – akka Yeroo siif dheeressanii fi unka (form) toora interneetaa (online) irratti guutamu argatuuf sutata kana laali online.fines.vic.gov.au/Payment-extension.

Yoo konkolaataa kee nama kan birootu oofaa ture tahe – yoo adabbiin maallaqaa kan seera cabsuu (infringement fine) sitti ergame, garuu ammo yeroo sanatti konkolaaticha situ oofaa hin turre tahe nama oofaa ture san yoo himte tarii adabbiin bakka kee nama sanitti ergama. Nama oofaa ture ibsuu fi unka (form) toora interneetaa (online) irratti guutamu argatuuf sutata kana laali online.fines.vic.gov.au/Nominate. Unka (form) sun dafee akka dhaqabuuf hanga dandeesse kana daddaffiidhaan raawwatuu qabda.

Yoo gajahumsa yookaan jeequmsa maatiidhaan (family violence) keessaan hubamte tahe – yoo sababa gajahumsi yookaan jeequmsi maatii irraa kan ka’e addabbiin maallaqaa seera cabsuu (infringement fines) si argate tahe Qindeessa Gajahumsa Maatii (Family Violence Scheme) iyyatuu dandeessa. Caalaatti baruuf sutata kana laali, fines.vic.gov.au/fvs.

Yoo adabbii maallaqaa seera cabsuu dalagaadhaan of irraa baasuu fedhte – ytarii adabbii maallaqa seera cabsuu kee dalagaa fi wal’aansa takka takkaa kara Qindeessa Hayyama Dalagaa fi Guddinaa (Work and Development Permit Scheme) keessatti hirmaatuudhaan of irraa baasuu dandeessa. Kan yoo tarii miidhaaf saaxilamuu fi hubamni si argataa jira tahe kan akka (man-dhabilee – homelessness) tahuu, dhibee sammuu (mental illness), gajahumsa maatii, amala farshawuu fi daawaa surrii hadoochan fudhatuu, dhalootaan hir’ina qabaatuu (intellectual disability) qabaatte kun tarii filmaata ati qabdu kan iyyatuu dandeessuu dha. Caalaatti baruuf sutata kana laali, justice.vic.gov.au/wdp.

Fakkoo (photo) arguu yoo barbaadde – fakkoo (photo) saffisaan oofuu fi ifa tiraafikaa keessa kutuu ni waraabna yookaan ni fudhna. Fakkoo kana gadi buusatuu (download) sutata kana ilaali online.fines.vic.gov.au/View-image.

Yoo akka adaba maallaqaa seera cabsuu kee akka keessa deebi’amee siif ilaalamu barbaadde  

Adabni maallaqaa kee keessa deebi’amee akka ilaalamu tarii gaafatuu dandeessa yoo ati:  

  • Murtiin adaba maallaqaa sitti kenname sirrii akka hin tahin fi adabbiin si argatuun akka irra hin jirre kan amantu yoo tahe
  • Badii dalagdee jirta, garuu ammo seericha cabsuuf haalli addaa humna kee ol tahe keessatti yoo tahe
  • Adabbiin kun dogoggoraan sitti ergame yoo tahee fi si miti, nama kan birootti ergamuun irra ture yoo taheef
  • Adabbiin ergame si hin dhaqabne yoo tahe – sitti hin ergamne yookaan qondaalota adabbiidhaan harkatti sitti hin kennamne yoo tahe
  • Haala rakkisaa adda tahe keessa jirta yoo tahe – man-dhabilee, dhibee sammuu, gajahumsa maatii, farshoo fi dawaa surrii hadoochuun miidhamuu yookaan dhalootaan hir’ina qabd yoo tahe

Kunneen keessaa tokkoon isaa yoo si ilala tahe adabbiin kee keessa deebi’amee akka ilaalamu iyyatuu dandeessa. sitti ergame akka. Unka (form) toora interneetaa (online) irratti guutamu argatuuf sutata kana laali online.fines.vic.gov.au/Request-a-review. Waan jedhte kanaafis raga nutti dhiheessuu si barbaachisa.

Qabsiisa: yoo adaba kana abbaa alangaa (judge) yookaan mana murtiitu sitti murteesse tahe, yoo Yeroo murtiin kun kenname bakka sana hin turre taatee akka murtiin kenname keessa deebi’amee siif ilaalamu yookaan filmaata kan biro maal akka qabaatuu dandeessu gaafatuu si barbaachisa. Osoo mana seeraa hin qunnamin gargaarsa seeraa (legal help) argatuu qabda, kanaafis www.fclc.org.au laali yookaangiddu-galeessa gargaarsa seeraa naannoo kee jiru argatuuf (03) 9652 1500 irratti bilbili.

Yoo waa’ee adabbii kee waan takka hin godhtu tahe

Adabbii maallaqaa seera cabsuu (Infringement fines)
Yeroo Waraqaan Adabbii Seera Cabsuu (Infringement Notice) dhaabbata seera eegsisu irraa sitti dhihaatu osoo guyyaan kenname hin dabrin if irraa baasuu qabda.

Yoo waraqaa adabbii maallaqaa seera cabsuu kana hin kafaltu tahe Waraqaan Yaadachiisa Adabaa (Penalty Reminder Notice) sitti ergama. Gatiin adabbiis ol guddata. Adaba kana kafaluu qabda yookaan akkamiin akka kafaluu qabduuf filmaata siif kennamu baruuf dhaabbata adaba kana sitti erge qunnamuu dandeessa. Lakoysi bilbila isaanii waraqaa kana dugda duuba isaa jira.

Yoo waa’ee adaba amma illee waan takka hin godhtu tahe, Waraqaa Ajaja Dhumaa (Notice of Final Demand) sitti ergama adabnis caalaatti sitti dabala. Adaba kana yeroo kenname keessatti fines.vic.gov.au/contact-us qunnamuudhaan if irraa baasuu qabda.

Yoo waa’ee adaba kanaa amma illee waan takka hin godhtu tahe:

  • Hayyamni konkolaachisaa yookaan galmeen konkolaataa kee ni rarraasama
  • Maallaqni baankii yookaan kara dalagaa kee mindaa kee irraa cita
  • Ajajni (Warrant) adabbii maqaa keetiin bahuu danda’a gatiin isaas caalaatti ol sitti dabala. Kana booda Abboomsi adabbii (Sheriff) tarii dhimma kana keessa seenuu danda’a. Fakkeenyaaf, Abboomsi adabbii (Sheriff) konkolaataa kee fuudhee gurguruu danda’a.

Adabbii mana murti (Court fines)
Yoo abbaan alangaa (judge) yookaan manni seeraa (magistrate) mana murtiitti adaba sitti kenne, kun adabbii mana murti jedhama. Yoo guyyaa himatni kee mana murtiitti dhagahamu adaba maallaqaa kana if irraa hin baastu tahe Fine Victoria Ibsa Funaansa Adabbii Maallaqaa Mana Murtii (Court Fine Collection Statement (CFCS) si irratti baasa. Yeroo ibsa CFCS kana argattu yeroo kenname keessatti akka ibsicha irratti tarreessametti if irraa kafaluu qabda.  

Adabbii maallaqaa xixiqeesitee kafaluu dandeessa yookaan kaffaluuf yeroon akka siif dheeressamu gaafatuu dandeessa. Toora kana irratti nu qunnami, fines.vic.gov.au/contact-us.

CFCS kee waa’ee adaba maallaqa keetii odeeffannoo barbaachisaa qabatee jira. Yoo waa’ee CFCS kee hubatuu hin dandeessu tahe daddaffiidhaan sararaa kana irratti nu quunnamuu qabda,  fines.vic.gov.au/contact-us.

Waa’ee adaba mana murti kanaa waan takka hin godhntu yoo tahe:

  • Hayyamni konkolaachisaa yookaan galmeen konkolaataa kee ni rarraasama
  • Maallaqni baankii yookaan kara dalagaa kee mindaa kee irraa cita
  • Ajajni adabbii maqaa keetiin bahuu danda’a gatiin isaas caalaatti ol sitti dabala. Kana booda Abboomsi adabbii (Sheriff) tarii dhimma kana keessa seenuu danda’a. Fakkeenyaaf, Abboomsi adabbii (Sheriff) konkolaataa kee fuudhee gurguruu danda’a.

Waa’ee Abbomsa Adabbii (About the Sheriff)

Abboomsi Adabbii (Sheriff) qondaala Mana Murtii Ol-aanaa Victoria (Supreme Court of Victoria) ajaja adabbii hojii irra oolchuuf gaafatama ni qaban. Kunis:

  • Adabbii maallaqaa hin kafalamin jiru kan Fines Victoria galmeessee jiru
  • Adaba maallaqaa abbaan alangaa (judge) yookaan manni murtii ajaje.

Yoo adaba maallaqaa kana tuffattee fi waan takka hin godhtu tahe, ajajni adabbii sitti dhufuu danda’a.  

Qondaalotni Abboomsi Adabbii (Sheriff’s officers) mana kee yookaan bakka dalagaa kee sitti dhufuu, yookaan karaa irratti si dhaabuu fi dhimma ajaja adabbii kana si waliin dubbatuu danda’u. Qondaalotni Abboommii Adabbii (Sheriff) konkolaataa kee cancaluus (sheel clamp) ni danda’u.   

Qondaalota abboomsa adabii sodaatuu hin qabdu. Adabbii hin kaffalin jirtu akkamiin akka if irraa baastu gargaaranii haala siif qindeessu, kabajaadhaanis sitti dubbatu. Filmaata ati qabdu siif ibsu, maal godhchuu akka si barbaachisu akka ati hubattu si gargaaru.

Yoo barbaachisaa tahe, abboomsi adabbii (sheriff’s officers) aboo ni qabu:

  • Qabeenya kee sakatta’uu fi to’atuu, kan akka konkolaataa kee, gurguruuf
  • Konkolaataa kee cancaluu yookaan ugguruu (detain)
  • Si hidhuu fi mana seeraatti si dhiheessuu.

 

Return to the top